Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Qabsoo Galmaan Gahuuf  Qooda Ilmaan Biyyaa Irraa Eegamu.
 

Adoolessa,2008 -Ijoo Dubbii ABO

Seenaan Oromoo jaarraa tokkoo olii seenaa gaddaa ti. Kan  gabrummaa  fi gadadoo ti. Seenaa dhumiinsaa ti. Kunis galmee seenaa irraa dubbifama. Ummatni boonaa, bilisummaan jiraataa ture kan salphinaa fi dhumiinsaaf saaxile sirna cunqursaa fi saaminsaa jalatti kufuu tahuus kuusaa seenaan addeeffamee kaa'ameera. Haqni kana woliin kaafamu kan biraas ni jira. Ummatni Oromoo weerara alagaa meeshaa baranee caalmaa qabuun itti baname  of irraa faccisuun walabummaa isaa tikfatuuf dura dhaabbatuu dha. Gabrummaaf harka hin laanne. Diddaa bittaa alagaa  jalqabaa hanga maayyiitti of irraa ittiseera. Ittisuu keessattis wareegama ulfaataa baase. Wareegama ummatni Oromoo bilisummaa isaa fi walabummaa Oromiyaaf jecha baaseen lakkoobsi isaa walakkaan olitti hir'ifamuu  seenaa dabre irraa ni  dubbifama.

Wareegamni ulfaataan diddaa gabrumaa irratti baafame kun ummata Oromoo hin jilbeenfachiifne. Ilmaan ummataa ummataa fi biyyaaf dursa kennan walabummaaf qabsaawaa dabran. Dhaloota itti aanus  morka  malee seenaa gabrummaa jalatti  ameen jedhanii  buluu  hin dhaalchisne. Kanneen falmaa keessatti dabran akeekaa fi murannoo harqoota gabrummaa  jalaa bahuu qabna! jedhu dhaloota isaaniin bakka bu'e horachiisan. Gabrummaa  irratti qabsaawaa dabruun du'a kaan irraa adda tahuu fi kabajaa tahuu  barsiisan. Kan  seenaa hin qabne isa gabrummaa jalatti buluu fudhate tahuu hubachiisan. Kaayyoon kufaniif, akeekni wareegamaniif kabajaa biyyaa fi ummataaf tahuu hubachiisuun faajjii kufaniif akka lafaa kaasan dhaammataa dirqama Oromummaa raawwatanii dabran. Kanaafis seenaan isaanii yeroo hunda ummata Oromoon kaafama. Yaadatamaa bara baraan jiraata.

Dhalootni dhaamsa abbootii dhagahes dhaammannoo isa dhaqqabe hin dagatne. Kaayyoo kufaniif dhugoomsuuf  lubbuu isaa kenne. Dhiigaa fi lafee isaatiin qabsoo diddaa gabrummaa jiraachise. Dhumiinsa abbootii, haawwanii fi kaa'imman, wolii gala ummata Oromoo irra gahe yaadataa  qabsoof wal kakaasee, kan callisee hin bitamne tahuu dalagaan agarsiise.  Dhumiinsa ummata Oromoo irra gahe yoom iyyuu kan hin daganne tahuu mirkaneesse. Bilisummaa dhabee fi walabummaa sarbame deebifatuuf kan qabsaa'u tahuu waadaa seenuun qabsoo farra gabrummaa itti fufe.

Qabsoon bilisummaa ummatni Oromoo itti jiru dhaloota lamaa ol lakkoobsisee jira. Qabsoo waggoota dheeraaf adeemsifamaa ture kana keessattis ilmaan Oromoo kumootaan lakkaa'aman lubbuu isaanii osoo hin mararfamne bilisummaaf jecha kennanii dabraniiru. Dhalootni ammaa seenaa abbootii isaa qabsoo irratti kufanii kan ittiin dhaadatuu fi kan yaadatu tahu qofa osoo hin taane, akeeka kufaniif bakkaan gahuuf kan warraaqu tahuu  qabsoo finiinsuun mirkaneeffama.

Dhuguma ummatni Oromoo qabsoo waggoota dheeraa keessa jiraate. Har'as  qabsoon  jiraataa jira. Osoo qabsoo isaatti hin cichinee salphinaa fi gadadoon kana irra hammaataan akka isa mudatus hin shakkisiisu. Diinotni isaa isa dhabamsiisuun jireenya isaanii mirkaneeffatuu kan barbaadan waan tahaniif. Qabsoon hanga ammaa ummatni Oromoo itti jiru qabsoo dhabama irraa of ittisuu ti. Duula waraanaa, qorqalbii, dinagdee, aadaa fi amantii irratti baname akka dhufaatii isaatti of irraa deebisuun jabina guddaatti laalama. Haa tahu malee  of irraa ittisaa jiraachuun qofti  bilisummaan hin gahu. Qabsoo ummata Oromoo ittisa irraa gara haleellaatti tarkaanfachiisuun murteessaa fi kan galii keenyaan nu gahu tahuu hubatuu qabna.

Qabsoo diddaa gabrummaa ummata Oromoo maaltu gara haleellaatti akka hin tarkaanfanneef sakaale gaaffiin jedhu kan yeroo hunda kaafamuu fi irratti dubbatamu dha. Sababootni hedduun jiraatanis hangafti garuu laafina nu keessatti mul'atuu dha. Jalqabaa hanga ammaatti diinotni ummata Oromoo takkaahuu humna kan ofii ijaarrataniin nu hin cabsine. Cabiinsaan boodas kan nu irra bubbulan humna ummata keessaa dhufan keessaa ijaarrataniin miti. Humna ummatoota gabroomsatan keessaa ijaarrataniin  nu irra  bubbulan.  Addatti ammoo humni Oromoo keessaa hawwatan umrii gabroomfataa dheeressuu keessatti gumaacha olaanaa qabaatuun nu jalaa  dhokataa miti. 

Kan gabrummaan nu irratti saare Oromoon gootummaa dhabee miti. Ummatni Oromoo  gamnummaan caalamee ti akka hin jenneefis  diinnuu oggaa rakkoo seenuu fi mala dhabu goota, gamnaa fi qaroo Oromootti kan  gargaaramu tahuu hin dhoksine. Hir'innii fi rakkoon jiru hiriira keenya sirreeffatuu hanqatuu dha. Hir'ina kana  irra aanuuf hundaan olitti bakki kiyya eessa jedhanii of gaafatuu barbaada. Oromoon waggoota dheeraa gabrummaa jala ture kana keessatti lammii biyyaa tahee jiraatuuf hedduu carraaqe. Maqaa horatuu fi ol bahee mulʼatuun Oromoo fedhii diinaa tahuu baatu illee lola bittootni Itophiyaa adeemsisaa turanii  fi jiran hunda keessatti gootummaa agarsiiseen faarfamaa fi badhaafamaa har'a gahe.

Lolee lolchiisuun qofa osoo hin taane fuula hundaan hirmaatnaa gochaa turee fi jiruun maqaa hin tuffatamne horatee jira. Haa tahu malee hangamuu amanamaa tahee sirna bittootaa tajiaajilu iyyuu gama bittootaan shakkamuun irraa hin hafne. Gootummaa fi beekumsi qabu akka lammii biyyaatti akka ilaalamu  isa hin taasifne. Kaleessas shakkamaa ture. Har'as shakkamaa dha. Bittoota Itophiyaa jala hanga jirutti kun gonkumaa hin jijjiiramu. Kun ni jijjiirama  jedhee kan  eegu seenaa dabre kan hin yaadanne, kan keessa jiru hin qalbifanne qofa.

Jireenya ummatni Oromoo gabrummaa jala jiraate keessatti cunqursaan itti hammaataa deemuu malee isaa irraa laaffatuu hin mul'atne. Kaleessa  akka badhaasaatti amanamoo sirnoota dabraniif lafti raabsamaa ture kan Oromoo ti. Har'as taanaan eenyuun iyyuu olitti maallaqa yartuun kan lafa isaa irraa buqqaafamee ari'amaa jiru Oromoo dha. Jiru-dhablummaan kan roora'aa jirus Oromoo dha. Ilmaan Oromoo barnoota olaanaa irraa akka ittifamaa jiranis ifatti mul'ata.

Seenaa biyyattii keessatti ilmaan saba tokkoo dhibbootaan lakkaa'aman  ari'uun  ilmaan Oromoo irraan mul'ate. Yeroo ammaa kanas sababa adda addaa itti barbaaduun kan ari'aa jiran ilmaan Oromoo ti. Hireen ka'imman Oromoo mana barnootaa osoo hin taane umrii dargaggummaa isaanii  mana hidhaa keessatti dabarsuu tahaa jira. Manneen hidhaa Itophiyaa ilmaan Oromoon guutamuu, kanneen mirga dhala namaaf falman gabaasa yeroo yeroon baasaniin hubachiisu.

Fuula hundaan haalli ummatni Oromoo keessa jiru kan boqochiisuu fi aara galfii isaaf kennu hin taane. Dinagdeen hiyyoomfamaa jira. Siyaasaa keessaa dhiibamee sirna jiru ashkarummaan akka tajaajilu qofa kan hayyamameef. Akka sabaatti mirga isaa gaafatatuu fi mirga isaaf qabsaa'uun yakka jedhamee ittiin ajjeefamaa fi hidhamaa jira. Roorroo hadhaawaa kana raawwatuu fi raawwachiisuu keessatti ammoo qoodni ilmaan Oromoo sirna aangoo irra jiru waliin hiriiranii raawwataa jiran olaanaa dha.

Kanaan duras taanaan kan Oromoo cabsuu keessatti qooda olaanaa kennan dhalattoota Oromoo ti. Har'as gartuu Wayyaanee kan ummata Oromoo irratti goobse qooda ilmaan Oromoo diina ummata Oromoo  waliin hiriiranii ti. Ergamtootni diinaa maqaa Oromootiin sosso'aa jiran ummatni Oromoo diina tokkicha qabu irratti akka hin fuulleffanneef karoora gooftoliin isaanii  itti kennaniin burjaajessan. Dhimma fardii irratti akka hin bobbaaneef yaada isaa hiru. Ollaa isaa waliin nagaan akka hin jiraanneef lola uumaniin hojoomsu. Lola barbaachisaa hin taane bittootni uuman keessatti humna, yeroo fi qabeenya isaa  akka qisaasu taasisan.

Haalli ummatni Oromoo yeroo ammaa keessa jiru guddoo rakkisaa fi yaaddeessaa tahuun hin falamsiisu. Rakkoo bittootni irraan gahanitti dabalee rakkoo uumamaa isa mudatuun lubbuu isaa dhabaa jira. Haalli kun ammoo jabaataa malee xiqqaataa hin deemu. Kanaaf falli jiru dhaamsaa fi amaanaa gootota ilmaan Oromoo qabsoo diddaa gabrummaa irratti kufan sana qabatuun qabsoo finiinsuu qofa. Qabsoo bilisummaa finiinsuuf ammoo olola farreenii of irraa faccisuu fi fashalsuun murteessaa dha.

Diinni gurmaa'ina Oromoo hin barbaadu. Oromoo jabaa arguun fedhii isaa miti. Oromoo sabboonaa osoo hin taane Oromoo jalee tahee ergaa isaanii ummata Oromoon gahu barbaadu. Ergamtootni jiraan du'an kanneenis har'aaf itti haa fakkaatu malee bor akka gataman ifaa dha. Kanneen isaan dura sirna kana tajaajilaa turan of cinaatti waan arganiif ragaa tarrisuun hin feesisu.

Waan taheef  Oromoon kam  iyyuu gabrummaa dhaalle ilmaan keenyaaf hin dabarsinu! jedhee diina irratti  ka'uu qaba.  Kaayyoo abbootiin keenya irratti kufan galmaan geenya! jennee harka wal qabatuun qabsoo keessatti qooda kennuuf hiriira qabsoo haa seennu. Waliif haa dirmatnu. Wal haa jajjabeessinu.

Injifannoo Ummata Oromoof!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net